Sagantaan Ashaaraa Magariisaa ‘Kottaa Ityoophiyaa haa uuwwisnuu’ magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame
Finfinnee, Hagayya 23, 2013 (FBC)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa ‘Kottaa Ityoophiyaa haa uuwwisnuu’ magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame
Saganticharratti aagnaa’onnii hojii mootummaa, ogeeyyiin aartii, atileetoonnii fi namoonnii dhuunfa bebeekamoon aragamaniiru.
Kantiibaan magaalaa Bishooftuu Aadde Alamtshaay Shifarraaw, magaalichaa bakka hawwata tuurizimii fi bakka jireenya sabaa fi sablamootaa, teessoo abbootti gadaa fi qe’ee ulfoo ganamatti baga nagaan dhuftan jedhaniiru.
Preezdaantiin Atileetiksii Ityoophiyaa Koloneel Daraartuu Tulluu, dhimmi Ashaaraa Magariisaa yoo ka’e Bishooftuu yaadanna jedhaniiru.
Ashaaraa Magarisummaas yeroo 5ffaaf magaalaa kanatti kennukoofis gammachuu guddatu natti dhagahame jedhan.
Maddi-Waajjira Dhimmota Kominikeeshinii magaalaa Bishooftuu
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.