Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu biyyoota biroof fakkeenya ta’a – Gamtaa Afrikaa

Finfinnee, Hagayya 27, 2015 (FBC) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma baadiyyaa, Diinagdee Cuquliisaa fi Naanawaa Ambaasaaddar Jooseef Saakoon dubbataniiru.

Sagantichi jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf murteessaa ta’uu Ambaasaaddar Jooseef kaasaniiru.

Itiyoophiyaan deeggarsa alaa malee mataa isheen saganticha raawwachuun murannoo damichaaf qabdu agarsiisa jedhan.

Sagantichi tarsiimoo jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf Gamtaan Afrikaa baase ‘Gireet Gireen Wool’ jedhamu kan tumsu ta’uu dubbataniiru.

Biyyoonni Afrikaa biroo muuxannoo Itiyoophiyaa kana fudhachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Wiixata dhufu yaa’iin jijjiirama qabeenya Qilleensaa Afrikaa Keeniyaa Naayiroobiitti kan eegalamu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.