Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa fi Maaddii Guutuun wabii nyaataaf bu’uura – Obbo Awwal Aarbaa

Finfinnee, Caamsaa 20, 2016 (FBC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa fi Maaddii Guutuun wabii nyaataaf bu’uura ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan ibsaniiru.

Naannoo Afaaritti sagantaa Ashaaraa magariisaan Kuduraalee fi muduraaleef xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa akka biyyaatti hojiirra oolaa jiru kallattii hundaan bu’aa argamsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Naannoon Afaar harki caalu Horsiisee bultoota kan turan yeroo ammaa gara gariin horsiisee bulaatti ce’uu Obbo Awwal Aarbaan himaniiru.

Lafa bal’aa naannicha keessa jiru misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Qabeenya bishaanii jiru sirnaan fayyadamuun waggaan hanga yeroo saditti misoomsuun danda’amuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.