Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Afxiraa guddichi fi dorgommiin Quraanaa har’a geggeeffama

Finfinnee, Bitootessa 7,2017(FMC) – Sagantaan Afxiraa guddichii fi dorgommiin Qur’aanaa biyyaalessaa Mana Maree Isilaamummaa Ityoophiyaa Dilbata har’aa geggeeffama.

Waltajjiin seecca’iinsa dorgommii biyyaalessaa Qur’aanaa Mata duree ”Qur’aana, Madda Beekumsaa fi Nagaa” jedhuun Finfinneettti geggeeffamaa tureera.

Dorgommichi dargaggoota Qur’aana qalbiitti qabatan jajjabeessuu fi dhaloota itti aanu uumuu kan kaayyefate taa’uun ibsameera.

Guyyuma kana sagantaan Afxiraa amantoonni hedduun itti hirmaatan ” Afxiraa hanga Qur’aanaatti” dhaadannoo jedhuun kan geggeeffamu yoo ta’u hawaasni Musliimaa sagantaalee guguddoo kanneen irratti akka hirmaatus beekameera

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.