Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Afxiraa Daandirraa marsaa 5ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 7, 2017(FMC) – Sagantaan xumuraa dorgommii Qur’aanaa biyyaalessaa fi Afxiraa daandirraa gaggeeffamaa jira.

Sagantaa Afxiraan dura Dorgommiin qur’aanaa mata duree “Qur’aanaa Madda Beekumsaa fi Nagaa” jedhuun magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.

Dorgommicharratti koorniyaa lameeninuu, naannoolee hundaarraa, Bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Dirre Dhawaarraa walitti babba’aan hirmaataniiru.

Dorgommicha kanneen ijnifatan lamaaf Konkolaatoota ammayyaa kan badhaafaman ta’uun eerameera.

Kanneen biroof immoo maallaqaa fi badhaasni imala hajii qophaa’uun ibsameera.

Saganticharratti Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Magaalaa Finfinnee fi naannawichaa, qondaaltonni olaanoo Mootummaa, Ambaasaaddaronni biyyoota garaagaraa, hawaasni Dippiloomaatootaa fi keessummoonni waamichi taasifameef biroon argamaniiru.

Maraa’ol Kadiritu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.