Sagantaan aartii fi kalaqaa galmaa giddugalaa Aadaa Oromootti gaggeefame
Finfinnee, Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Sagantaan aartii fi kalaqaa Galmaa Giddugala Aadaa Oromootti gaggeefameera.
Saganticharratti hoggantonni hojii mootummaa, abboootiin Gadaa fi haadholiin Siinqee, dargaggoonni damee Aartii, qeerroo fi qarreewwan argamaniiru.
Sagantaa aartii fi kalaqaa kanarratti sarkasiin, diramaa fi taphoonni adda adda dhiyaataniiru.
Saganticha kalaqaan aart interteeyimantii fi Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaatu waliin qopheesse jedhame.
Aartii Oromoo aarsaa guddaan itti kaffalamee as ga’e itti fufsiisuuf dhaloota ammaarraa ga’ee guddaatu eegama jedhame.
Hojii aartii jarraa amma madaaluu hojjechuun dhaloota ammaa irraa ni eegam jedhameera.
Ilaalcha siyaasa adda addaa qabannus aartiin Oromoo tokko nu taasisa jedhan hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Sa’aadaa Usmaan saganticharratti haasawa taasiisaniin.
Sagantaan akka kana qophaa’uun aartii Oromoo sadarkaa olaanaatti ceesisuuf ga’ee guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Dhaloonni amma Aadaa fi Safuu Oromoo guddisuu keessatti gaheesa ba’aachuu akka qabu dhamaniiru.
Obsee Wakgaarii fi Jalaallii Hayiluutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.