Fana: At a Speed of Life!

Sagantaaleen garaagaraa Ityoophiyaanonni alaa galan dammaqinaan irratti hirmaatan qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Sagantaaleen garaagaraa Ityoophiyaanonni alaa galan dammaqinaan irratti hirmaatan qophaa’uu ibsameera.

Waamicha Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa ala jiraataniif taasisan hordofee sochii Miisiyoononni taasisaa jiran  qorachuuf karaa toora intarneetii mariin taasifameera.

Maricha kan  gaggeessan Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaannoo yoo ta’uu, Ambaasaaddaroonni fi Dippiloomaatoonni Ityoophiyaa biyyoota garaagaraa irratti hirmaataniiru.

Waamichi taasifame kaayyoo dippiloomaasii, hawaasummaa fi diinagdee akka milkeessuuf miisiyoononni bu’uura karoora Koree Biyyaaleesarraa kennameefiin sochii hanga ammaatti taasisan caalatti, hojii uumuu, sosochii teekinoloojii fi kaayyoo isaa beeksisuu hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Sagantaaleen garaagaraa Ityoophiyaanonni, dhalattoonni Ityoophiyaa fi michuuwwan ishee alaa galan dammaqinaan kan  irratti hirmaatan Koree Biyyaalessaan qophaa’uu ibsameera.

Ittaanaan Daayrektara Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahammad Indiriis keessummoonni gara biyyaa dhufan sagantaaleen irraatti hirmaanna taasisan bifa qindaa’aa fi gurmaa’een akka hojjetamuuf qophiin xumuramuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.