Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Sirna awwaalchaa eebbifamoo Abunee Marqooreewoos raawwatamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 4, 2014 (FBC) – Sagantaan Sirna awwaalcha Paatiriyaarikii Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii 4ffaa eebbifamoo Abunee Marqooreewoos mana Amantaa Kaateederaalii Qulqulluu Sillaaseetti raawwatamaa jira.

Paatiriyaarkii 4ffaa Mana Amantaa Ortodooksi Tawaahidoo Ityoophiyaa eebbifamoo Abunee Marqoriyoos rakkoo Fayyaa isaan muudateen Hospitaala Halleeluyaatti yaallamaa turuun Gurraandhala 25 ,2014 Addunyaa kanarraa boqachuun isaanii kan yaadadatamuudha.

Sirni awwaalchaa kun kadhannaa fi akkaataa duudhaa mana amantichaan raawwatamaa jiraachuu ibsameera.

Sirna awwaalchaa kanarratyi abbootiin amantaa fi keessummoonni kabajaa argamaniiru jedhame.

Hayimaanoot Iyyaasuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.