Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa misooma seeftineetii irratti qindoominaan hojjechuu barbaachisa-Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)- Sagantaa misooma seeftineetii irratti jijjiiramni akka dhufuuf qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Aadde Caaltuu Saaniin ibsan.

Ministeerichi, Magaalaa Dirree Dhawaatti mata duree “Gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti” jedhuun waltajjiin gamaaggamma raawwii bara baajataa 2016, hojii pirojektii fi misooma seeftineetii magaalaa akkasumas karoora 2017 gaggeessaa jira.

Pirojektichi bara 2014 irraa eegalee boqonnaa 2’n magaalota 88’tti lammiilee sadarkaa jireenyaa gadaanaa keessatti argaman miiliyoona 1.8 kallattiin deeggarsa garaagaraa taasisuu, dargaggootaaf carraa hojii uumuu akkasumas hojiilee misoomaa naannawaarratti akka hirmaatanii fi fayyadamtootaa pirojektichaa kan taasisu ta’uu Aadde Caaltuun ibsaniiru.

Waltajjichi qorannoo pirojektichaan hojiilee sadarkaa federaalaa fi naannoleetti hojjetaman gamaaggamuun kallattii fuulduree akeekuuf kan kaayyeffate ta’un ibsameera.

Bu’aa argameenis pirojktichi gara magaalota 88’tti babal’ifamuu eerameera.

Beezaawwiit Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.