Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Misooma Daa’imummaa tumsuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)-Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Sagantaa misoomaa Daa’imummaa deeggaruuf sanadaa waliigaltee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbata Deeggarsa Daa’immaanii (UNICEF) waliin mallatteessaniiru.

Aadde Adaanech erga gamaa miidiya hawaasumma isaaniin dabarsaniin, sanadni waliigaltee kun Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa UNICEF Dooktar Abuubakar Kaampoo waliin mallattessuu ibsuun, oolmaa daa’immanii, giddugaloota tapahaa fi bashannanaa ijaaruu, fooyyessa tajaajila fayyaa daa’immaniirratti hojii hojjetaman kan jajjabeessudha jedhaniiru.

Finfinnee bakka daa’imman qaamaa fi sammuun gabbatanii, burraaqanii itti guddatan taasisuuf cimsanii kan hojjetan ta’uu Aadde Adaanech eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.