Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa “kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadha” jedhu dhaabbilee waajjira ministeeraa fi federaalaa gara garaatti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Sagantaa “kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadha” jedhu dhaabbilee waajjira ministeeraa fi federaalaa gara garaatti gaggeeffame.
 
Sagantaa “kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadha” jedhu dhaabbilee waajjira ministeeraa fi federaalaa gara garaatti gaggeeffameeera.
 
Sagantichi waajjira Ministeera Nageenyaa Ministirri Nageenyaa Mufaariyaat Kaamil dabalatee bakka hojjettoonni dhaabbatichaa argamanitti gaggeeffameera.
 
Haaluma walfakkatuun hoggantoonni fi hojjettoonni waajjira ministeera dhimma Alaa FDRI guyyaa kan gaggeessan Sagantaa “kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadha” irratti hirmaatan deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban ibsaniiru.
 
Ministeerri Geejjibaaf Sagantaa “kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadha” jedhu Ministira Geejjibaa Daagimaawit Mogas dabalatee bakka hoggantoonni kutaa hojii fi hojjettoonni dhaabbatichaa argamanitti gaggeeffameera.
 
Dabalatniis hoggantoonni fi hojjetoonni waajjira Ministeera Aadaa fi Turizimii, Ministeera Fayyaa, Ministeera Innooveshinii fi Teeknooloojii, Ministeera Qonnaa, Institiyuutii Qonnaa fi Qorannoo, Ministeera Barnootaa, Ministeeraa Saayinsii fi Barnoota Olaanoo, Ministeera Albuudaa fi Boba’aa, Ejansii Nageenya Odeeffannoo fi Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa Sagantaa “kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadha” irratti hirmaachuun deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban mul’isaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.