Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa biyyaalessaa loltoota duraanii deebisanii dhaaburratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015(FBC)- Yaada ka’umsaa Sagantaa biyyaalessaa loltoota duraanii deebisanii dhaaburratti mariin magaalaa Asoosaatti gaggeeffamaa jira.

Maricharratti Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa, Pireezidaantii naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasaniifi hoggantoonni olaanoon federaalaafi naannichaa biroon argamaniiru.

Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan haasawaa taasisaniin, akka naannootti rakkoo keessaa bahuuf hidhattoota naannichaa waliin mari’achuun qabsoo hidhannoo dhaabanii karaa nagaa akka galan taasisneerra jedhan.

Hidhattoota kanneeniifis ta’ee hidhattoota duranii biyya isaaniif wareegama kaffalaa turan deebisanii dhaabuuf hojiin eegalame carraa gaarii naannichi eegaa ture ta’uu eeruun, hojiirra oolmaasaaf kan tumsan ta’uu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan gamasaaniin, kaayyoon hundeeffama komishinichaa inni guddaan loltoota duraanii biyyaafi uummatasaanii tajaajilaa turan akkasumas waraanota Ityoophiyaa mudatan irratti wareegama kaffalan sadarkaa isaaniifi biyyasaanii fayyaduu danda’uun deebisanii dhaabuun gara misoomaatti galchuu ta’uu addeessaniiru.

Loltoota duraanii deebisanii dhaabuun nageenya waaraa biyyattiif gatii olaanaa qabaachuu kaasuun, hojiirra oolmaa isaaf gaheen naannolee olaanaa waan ta’eef kutannoofi qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.