Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa, Imala Gara Ofiitti Taasifamu-Pir. Shimallis

Finfinnee, Adoolessa 9, 2015 (FBC)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa imala gara ofiitti Taasifamuudha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, sagantaan Ashaaraa Magariisaa riqicha kaleessafi boru gidduutti diriirfameedha.

Gama tokkoon carraa lalisummaa kaleessaa deebisuun gaabbii keessaa ittiin baanu, ijoollee abbaaf hadholii keenyaa ta’uu itti mirkaneeffannu yoo ta’u, gama biraatiin, meeshaa dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensa dandamattu kan ittiin ijaarruudha jedhaniiru.

Adoolessi 10 bara 2015 gama isaatiin carraa biraa nuuf fidaa jira kan jedhan Obbo Shimallis Guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 480 dhaabudhaan, ummanni naannoo keenyaa fuula seenaa haaraa irratti galmeesisuudhaan Itoophiyaa irra deebidhaan lalisoomsuu keessatti Ashaaraa keenya haa keenyu jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.