Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 6.3 dhaabbate

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) – Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 6.3 dhaabbachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Biqiltuuwwan hanga ammaatti dhaabbatan keessaa miiliyoonni 450 ol kan ta’uu biqiltuuwwan nyaataaf oolan ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Piroofeesar Iyyaasuu Eeliyaas eeraniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa bara kanaa hanga Hagayya, 30, 2015tti kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Biqiltuun dhaabate % 90 akka latuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Hanga ammaatti lafti heektaarri miiliyoonni 1.6 biqiltuun uwwifamuu eeraniiru.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo:
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.