Sagantaa Afxiraa kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti
Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Sooma ramadaanaa sababeeffachuun Kutaa magaalaa Kooyyee Facceetti Sagantaan Afxiraa daandiirraa qophaa’eera.
Sagantichi bakka sadarkaa itti aanaa Pireezidaantiitti kantiibaa magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Alamaayyoo Tulluu, walitti qabaa mana maree dhimmoota islaamummaa Ustaaz Adinaan Jaafar akkasumas abbootiin amantaa garagaraa argamanitti addabaabayii Kooyyeetti gaggeeffameera.
Magaalli Shaggar bakka fakkeenya wal-qixxummaa amataaleefi calaqqee obbolummaa ta’uu Dooktar Tashoomaan ibsaniiru.
Baatiin ramadaanaas hordotoota amantaa islaamaa biratti baatii eebbifamaa, jaalalaafi caalmaatti ammoo tokkummaafi waliin jireenya amantaalee biroo waliin qaban itti mul’atu ta’uu ibsuun, gaaffiiwwan tajaajila manni amantichaa qabuuf furuufis haal-dureen xumuramuus eeraniiru.
#Oromia #Ityoophiyaa