Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Afxiraa daandiirraa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuuf daandiiwwan cufaman ifooman

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Sagantaa Afxiraa daandiirraa guyyaa boruu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

Sagantichi mata duree” Afxira Keenya Lammii Keenyaaf” jedhuun Daandii Baambiisi gama Addabaabaayii Masqalaan hanga Meeksiikootti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Sagantichi nagaan akka xumuramuuf qophii barbaachisaan xumuramuu eerameera.

Wayita sagatichi gaggeeffamuttis muddamnis sochii tiraafiikaa akka hin uumamneef daandiiwwan armaan gadiitti eeraman guyyaa keessaa sa’aatii 6:00 irraa eegalee hanga galgala sa’aatii 2:00tti kan cufaman ta’uu yaadachiifameera.

Haaluma kanaan:-

1. Daandiin Uraa’el irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu

2. Daandiin Olmpiyaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu

3. Daandiin Araattanyaa Kifla Xooriirraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu

4. Dandiin Mana Murtii Olaanaa Lidataarraa gama Lagahaar Addabaabaayii Masqalaa geessu

5. Daandiin Gommaa Quxxabaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu

6. Daandiin Araat Kiiloorraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu

7. Daandiin Kaazaanchiis irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu

8. Daandiin Hospitaala Xuqur Anbassaarraa Addabaabaayii Masqalaa geessu

9. Daandiin Addabaabaayii Teewoodiroos irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu

10. Daandiin Mana Maxxansaa Nigd irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu

11. Daandiin Instiitiyuutii Raaga Haala Qilleensaa irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu tirfikaaf cufaa ta’uu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.