Fana: At a Speed of Life!

Sagalee Afrikaa dhageessisuuf hojjetamaa tureera-Azaalii Asuumaani

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Sagalee Afrikaa dhageessisuuf hojjetamaa tureera jedhan Pireezidaantiin Komorosii fi Dura Taa’aan Yeroo Gamtaa Afrikaa Azaalii Asuumaaniin.
Azaalii Asuumaaniin yaa’ii gamtaa Afrikaa 37ffaa gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, barri 2023 Afrikaaf yeroo rakkisaa akka ture kaasan.
Ta’us, rakkoolee mudatan keessatti dhimmoonni Afrikaa hedduun waltajjiiwwan hedduurratti dhiyaachuu ibsan.
Keessumaa Afrikaan Teessoo dhaabbii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka qabaattu sochiin jalqabame deeggarsa hedduu argateera jedhan Azaaliin.
Rakkoon nageenyaa ammallee Ardicha qoraa jiraachuu kan eeran Azaaliin Gamtaan Afrikaa rakkicha furuuf michuuwwan isaa waliin hojjechaa tureera jedhan.
Ardichi carraawwan hedduu qabaachuu himuunis carraawwan kunneen faayidaa lammiileef oolchuuf hunduu hojjechuu qaba jedhaniiru.
Yidneqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.