Fana: At a Speed of Life!

Safuufi kabaja ummanni fardaaf qabu itti fufsiisuun madda diinagdee taasisuuf hojjechuu qabna-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 11, 2016 (FBC)- Safuufi kabaja ummanni Fardaaf qabu itti fufsiisuun madda diinagdee taasisuuf hojjechuu qabna jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis sagantaa waldorgommii fi agarsiisa Gombisa Fardaa qarqara Haroo Dandiitti gaggeeffame irratti argamutti gammaachuu isaanii ibsaniiru.

Fardi ummata Oromoo biratti iddoo addaa akka qabuu fi gammachuu fi gadda, jilaa fi duula Oromoo keessaa kan hindhabamne ta’uu gamaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Bara diinni biyya weerare ture abboonni fardeen isaaniin duulanii weerartuu qaanessuu yaadachiisanii, injifannoon argames ta’ee, wareegamni kaffalan fardeen isaanii waliin akka ta’ee kaasan.

“Har’as fardeen keenya faayaa fi bohaartii ummataa keenyaati. Nuti ammoo Safuu fi kabaja ummanni keenya fardaaf qabu akkuma jirutti itti fufsiisuun madda diinagdee taasisuuf hojjechuu qabna” jedhaniiru.

Waldorgommii fi agarsiisni Guluffii Fardaa Ikoo-Turizimii Wancii-Dandiitti gaggeeffames, Wancii-Dandiin sadarkaa biyyaa fi naannawaatti bakka dorgommiin Guluffii Fardaa olaanaan itti gaggeeffamu taasisuun akka danda’amu kan mirkaneesse ta’uu himaniiru.

Naannoon Oromiyaa gosoota hawwata turizimii seenaa, aadaa fi uumama gaha kan qabdu ta’uu eeruun, qabeenyi kun gara faayidaa dinagdee jiruu fi jireenya hawaasa jijjiiruutti guddisuuf qamoleen hundi qindoominaan akka hojjetan dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.