Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaan milkaa’ina Hidhi Haaromsaa fakkeenyaa hiyyummaarraa gara badhaadhummaatti ce’uuti-Dr. Inj. Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC)- Sadarkaan milkaa’ina Hidhi Guddicha haaromsaa Itiyoophiyaa fakkeenyaa hiyyummaarraa gara badhaadhummaatti ce’uu ta’uu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinara Habtaamuu Ittafaan ibsan.

Qaammeen 1, 2016 “Guyyaan ce’umsaa” kabajamaa jira.

Moggaasni kun kan kenname mootummaan jijjiiramaa, bu’uura waloomaa fi guddina biyyaa kan ta’an Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa, qonnaa, tuuriizimii fi indaastiriiwwan maanufaakchariingiin, hudhaalee turan keessa ba’uun diinagdee sochoosuu eegaluurraan akka ta’e akeekan.

Dooktar Injiinara Habtaamuun akka jedhaitti Hidhi Haaromsaa xiiqii Itiyoophiyaanotaa barootaaf ture deebii akka argatu kan taasiseedha.

Ta’us, adeemsa ijaarsa hidhichaa keessatti hanqina ga’umsa hoggansaan pirojekticha balaan fuulleffatee akka ture yaadachiisaniiru.

Jijjiiramaan booda Minisirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad jijjiiramaa bulchiinsaa pirojektii saffisaa qorannoorratti bu’uureffate taasisuun hidhicha baraaruun akka danda’ame ibsaniiru.

Hidhichi yeroo ammaa boqonnaa xumuraarraa ga’uun faayidaan inni gama diinagdee, hawaasummaa, dippiloomasii fi siyaasaan qabaatu olaanaadha jedhan.

Kunis Pirojektii meeggaa Itiyoophiyaanota hiyyummaa keessaa gara badhaadhinaatti, dukkanaa keessaa gara ifaatti ceesisu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Hidhichi misooma anniisaatti dabalataan invastimantii tuuriizimiif naannawaa mijataa uumuun milkaa’inaalee damee hedduutti kan ceesisuu ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.