Sadarkaa raawwii waliigalteewwan Ityoophiyaa fi Biraaziil gidduutti mallatteffaman irratti waajjira seekteraalee waliin mari’atame
Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Sadarkaa raawwii waliigalteewwan hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaa fi Biraaziil gidduutti mallatteffaman irratti seekteraalee dhimmamtoota 9 waliin mariin gaggeeffamuu ibsameera.
Waltajjicharratti bakka buutonni Korporeeshinii Sukkaaraa, Komishinii Invastimantii, Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa, Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii akkasumas Inistiityuutiin Qorannoo Qonnaa hirmaataniiru.
Biraaziilitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Xaafaa Tulluu fi Ittaantuun Daayrektar Jeneraalaa Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa Ambaasaaddar Iyyarusaalam Amdamaariyaam qaamolee dhimmatootaa waliin mari’ataniiru.
Marichaan biyyattiin hariiroo Biraaziil waliin qabduun daran fayyadamtuu haala ta’uu dandeessurratti mari’achuu eerameera.
Marichaan sadarkaan raawwii waliigalteewwan hariiroo Biraaziil- Afrikaa akkasumas Ityoophiyaa fi Biraaziil damee diinagdeen waliin hojjechuuf mallatteeffaman gamaaggamamaniiru.
Ityoophiyaan hariiroo Biraaziil waliin qabduun gama siyaasaan, diinagdee fi hawaasummaa caalmaatti fayyadamuu akka dandeessuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.