Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa qabiyyeetti sanadni waliigaltee Naayiroobii fi Piriitooriyaa garaagarummaa hin qabu – Dooktar Laggasee Tulluu

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015 (FBC) – Sadarkaa qabiyyeetti sanadni waliigaltee Naayiroobii fi Piriitooriyaa garaagarummaa kan hin qabne ta’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasee Tulluun ibsan.

Sanadni Piriitooriyaa murteessaa, kan hin fooyyoofne, hin jijjiiramnee fi kan biroof bu’uura ta’ee tajaajiluudha jedhan.

Sanadni Naayiroobii ammoo sanada karoora raawwii ta’uu kaasaniiru.

Gama ejjennoon wanti jijjiirame kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.

Raayyaa Ittisaan ala qaamoleen biroo ni ba’u kan jedhu sirrii ta’uu himaniiru.

Humnooni halleellaa raawwatanii fi balaa birmadummaa ta’an hidhannoo hiikkachuun haaromsa yoo galan qaamni biroo hin barbaachisu jedhan.

Qaamoleen biroo duras dirqamanii kan seenan ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.