Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa federaalaatti qofa malaanmaltummaan kan hatamuuf ture Birrii miiliyoona 753 baraaruun akka danda’ame ibsame

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darban sadarkaa federaalaatti qofa malaanmaltummaan kan hatamuuf ture Birrii miiliyoona 753 baraaruun akka danda’ame Koomiishiniin Naamusaa fi Farra Malaanmatummaa Federaalaa ibse.

Hoji Raawwachiisaa Hoggansa Hojii Koomishinicha Tasfaayee Shaameeroo baatiiwwan ja’an darbanitti hojiilee hojjetaman ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin baatiiwwan ja’an darban sadarkaa federaalaatti malaanmaltumman kan hatamuuf ture Birrii miiliyoona 753 baraaruun akka danda’ame kaasaniiru.

Kutaalee hordoffii naamusaa dhaabbileen Birrii miiliyoona 805 fi naannoleen Birrii miiliyoona 192 walumaagalatti sadarkaa biyyaalessaatti Birrii miiliyoona 998 baraaruun akka danda’ame ibsaniiru.

Dabalataan lafa karee meetira kuma 681 deebisiisuun akka danda’ame himaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti sosochiin farraa malaanmaltummaa erga eegalame, eeruuwwan kuma 1 fi 608 kan simataman ta’uu ibsuun, eeruuwwan fuudhaman keessaa %44 kanneen ta’an lafaan kan walqabatan ta’uu ibsameera.

Eeruun gama tajaajilaan jiru olaanaa ta’uu fi eeruuwwan dhiyaatan keessaa 250rratti malaanmaltummaan raawwatamu kan argiisisu ragaan argamuun adeemsa seeraarra jiraachuu ibsaniiru.

Sadarkaa federaalaatti, hoggantoota hojii mootummaa 692 qabeenya isaanii akka galmeessan adda baafamuu ibsuun, kana keessaa 150 qabeenyaa isaanii galmeessisuu eeraniiru.

Kan galmaa’e keessaas 127rratti hojiin haqummaa isaa addaa baasuu raawwatamuu himaniiru.

Habtaamuu Takilasillaaseetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.