Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa biyyaalessatti tajaajilli tola oltummaa Gannaa eegalame

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) –  Sadarkaa biyyaalessatti tajaajilli tola oltummaa Gannaa eegalame.

 

Akka biyyaatti dargaggoota miiliyoona 10.1 kan hirmaachisu tajaajilli tola oltummaa Gannaa har’a eegaluu Ministeerri Daa’immanii , Dubartootaa fi dargaggootaa beeksise.

 

Tajaajilichi magaalaa Dabra Birhaanitti giddugala leenjii atleetiksii dhaabbii biqiltuun eegalamuu ibsameera.

 

Deettaan Ministira Daa’immanii , Dubartootaa fi dargaggootaa aadde Hiywot Hayluu tajaajilli tola ooltummaa gannaa kun dargaggoota kan hirmaachisu dameen hojii 10 adda ba’uu himaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.