Sadarkaa biyyaalessaatti Pirojektoonni “Maaddiin Biyyaaf” torba eegalamuun ibsame
Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FBC)- Naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaatti Pirojektoota ‘Maaddiin Biyyaaf’ Gorgoraa, Halaalaa Keellaa, Cabaraa Curcuraa fi Wancii hordofee, Sadarkaa biyyaalessaatti Pirojektoonni ‘Maaddiin Biyyaaf’ torba eegalamuun eerame.
Naannolee biroo dabalatee pirojektoota Naannolee Tigraay, Somaalee, Afaarii fi Kibba Itiyoophiyaatti eegalaman kan dabalatu ta’uun ibsameera.
Hojiilee kanneen keessaa Jimmaatti Haroo Booyyee deebi’ee akka dandamatu kan hojjetamee fi pirojektiin magariisaa uwwifamee tokko ta’uu eeruu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia