Fana: At a Speed of Life!

Sadaasni 20 dhaabbiin Guyyaa Humna Qilleensaa ta’uun kabajama

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Sadaasni 20 dhaabbiidhaan Guyyaa Humna Qilleensaa ta’uun akka kabajamu murtaa’uu Ajajaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan beeksisan.

Baranas guyyaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa 88ffaan Sadaasaa 20 eegalee sagantaalee garaagaraan kabajamaa jiraachuu eeruun Mudde 6, 2016 akka xumuramuu akeekaniiru.

Dhaabbatichi qorannoo gaggeesseen yeroo jalqabaaf Ajaajaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa kan muudame Sadaasa 20, 1928 ta’uun waan mirkanaa’eef guyyichi akka kabajamu murtaa’eera jedhan.

Guyyichi jijjiiramaan booda maaltu akka hojjetame gamaaggamuu fi hojiilee fuuldureerratti qophaa’uuf sagantaaleen argisiisan kan gaggeeffaman ta’uu dubbataniiru.

Baranas Mudde 6 yeroo jalqabaaf qondaaltota humna qilleensaatti leenjia’aa turan yeroo jalqabaaf ni eebbifamuu jedhan.

Moggaasa “Xiqur Anbassaa” jedhuun argisiisni humna qilleensaa biyyoota biroo waliin ta’uun kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Alamsaggad Asaayyeetiin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.