Fana: At a Speed of Life!

Sadaasa 12 sababeeffachuun duulli qulqullinaa Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015(FBC)- Sadaasa 12 sababeeffachuun duulli qulqullinaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.

Aarsaa Sadaasa 12 sababeeffachuun magaalaa Finfinneetti guyyaa har’aa duulli qulqullinaa mata duree” Sadaasa Qulqullinaan” jedhuun gaggeeffameera.

Duulli qulqullinichaa naannoo Jaakiroositti kan gaggeeffamuu eerameera.

Duulicharratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoon magaalichaa biroon argamaniiru.

Aadde Adaanach saganticharratti haasawaa taasisaniin, safartoon magaalummaa magaalaa qulqulluu, miidhagduufi magariisa taasisuu waan ta’eef magaalattii miidhagduu, qulqulluufi jireenyaaf mijattuu taasisuun barbaachisaadha jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.