Fana: At a Speed of Life!

Sabdaneessummaan Obbolummaa Irratti Ijaarame Waliin Jireenya Uummattootaaf Wabiidha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC) – Sabdaneessummaan Obbolummaa Irratti Ijaarame Waliin Jireenya Uummattootaaf Wabii ta’uu Pireeidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan guyyaa sabaaf sablammootaa Itiyoophiyaa 18ffaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaaniin haala armaan gadiin dhiyaateera.

Itiyoophiyaan biyya Sabdaneettii, Af-daneettiifi Amantii hedduu qabdu; biyya duudhaa wal danda’uu gabbifachuun qormaatawwan ishee mudatan hunda qolachuun ijaaramaa as geessedha.

Kanaanis Saboonni, Sablammoonniifi uummattoonni biyya birmadummaan ishee kabajameefi mallattoo gootummaa taate ijaaraaniiru.

Qormaata hedduus waliin ce’uun biyya wareegamaan tiksan dhaloota har’aaf dabarsaniiru.

Biyya guddoo sabdaneessummaan mallattoo ishee ta’e keessatti waggoota dheeraaf sirni heddummina keessummeessu ijaaramuu dhabuu isaatiin Itoophiyaan waanjoo ulfaataa sirna qeenxeen itti fe’ameen wal’aansoo qabaa turte.

Daneessummaan kabaja dhabee akka abaarsaatti ilaalamaafi saboonnis eenyummaa isaanii akka balfaniif irratti hojjetamaa ture.

Hacuuccaan rog-daneessi daangaa darbe qabsaa’ota ijoollee uummataa daangaa hanga daangaatti dammaksee injifannoo galmeessaa dhufuun Heerri walqixxummaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa mirkaneesse bara 1987 akka ragga’u taasise.

Kabajamuun eenyummaafi mirgi ofiin of bulchuu Heera FDRI mirkanaa’uun sirna qeenxummaa diigee waloomatti kabaja hore.

Erga Heerri keenya sabdaneessummaa olkaasee gaaffii mirga ofiin of bulchuu uummattootaa raggaasisee as guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa marsaa 18ffaaf waloon kabajanneerra; kabajachaas jirra.

Kanaanis, garaa garummaan keenya madda rakkoo osoo hin taanee qabeenya waloofi miidhaginaa ta’uu hubannee maalummaa waldanda’uufi waliin jiraachuu qabatamaan Addunyaatti agarsiifnee jirra.

Haata’u malee, kuufamoonni gaaffilee gurguddoo uummattoota biyya keenyaa sirnoonni jijjiiramanis deebii quubsaa argachuu waan hin dandeenyeef qabsoon uummataa itti fufuun waggaa Shan dura mootummaan jijjiiramaa akka dhalatu taasise. Mootummaan uummataan uummataaf ijaarame rakkoolee kuufamanii har’a ga’an hundeerraa akka furaman taasisuun Itoophiyaa nagaa ishee waaressite, tokkummaan ishee cimeefi badhaadhina lammiilee dhugoomsite ijaaruuf kutannoon hojjechaa jira.

Kana galmaan ga’uufis, dallaa jibbinsaa dhiifamaan diignee riqicha jaalalaa ijaaruun rakkoolee keessoo keenyaa mareefi marabbaan furuu irratti fuulleeffanne; kanas gochaan agarsiisaa jirra. Mareen araara biyyaalessaa seena qabeessa ta’es kuufama rakkinoota gamaa gamanaa furuun ilaalcha biyyaalessaa cimsuuf xiyyeeffannoon itti deemama jira.

Gaaffiiwwan ijoo barootaaf turan keessaa tokko mirga ofiin of bulchuufi dimokiraasii dhugaa ijaaruu yoo ta’u kanaafis sirna federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti ijaarame akka diriiru taasifamaa jira.

Waggoottan jijjiiramaa shanan darban keessatti naannolee haaraan afur sagalee uummataan hundaa’an kanaaf agarsiiftuu guddaadha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ergama guddicha kana lafa qabsiisuufi sabdaneessummaan kabajamee mirgi walqixxummaa heera biyya keenyaatiin ragga’e cimee obbolummaanis mirkanaa’ee ijaarsa biyyaalessaa fiixaan baasuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Kanajamtoonni Uummata Oromoo akkasumas Saboonni, Sab-lammoonniifi Uummattoonni biyya keenyaa hundi baga guyyaa dinqisiisaa obbolummaan keenya ifee sabdaneessummaan keenyas cimee itti mul’ate kana nagaan geessan jechuun barbaada.

Guyyaan kun guyyaa garaa garummaa keenya jidduutti tokkummaa cimaafi miidhaginni hawwataan daawwatamee hin quufamne akka jiru itti agarsiifnu guyyaa gammachuu addaati.

Kana malees, guyyaa Sabdaneessummaan keenya madda miidhaginaafi obbolummaan keenyas salphaatti kan hin diigamne ta’uu firaafis diinaafis itti mirkaneessinudha.

Duudhaafi safuun uummanni keenya nu dhaalchise saboota biroo waliin akka itti jiraannu nu barsiiseera. Har’as ta’u boru kanuma cimsinee itti fufsiifna.

Guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa bara kanaa wayiita kabajnus ilaalchota finxaalessummaa seenessa qeenxee leellisuun walooma keenyaa diiguu barbaadan waliin yeroo walaansoo wal qabaa jirruttidha.

Galmi finxaalessitootaa Itoophiyaa cimtuu hunda fakkaattuufi hundaaf taatu akka hin ijaaramne gochuudha.

Inumaayyuu afaan garaa garaa dubbatanis ergamniifi galmi isaanii kun tokkuma; yoo danda’an sabdaneessummaa diiganii sirna qeenxee ijaaruu yoo dadhaban Itoophiyaa laaftuufi tasgabbiin irraa fagaate uumuudha.

Uummanni Naannoo keenyaa aggaammii finxaalessitootaa gamaaf gamanaa kanneen dura dhaabbachuun caasaalee nageenyaa waliinis ta’ee fashaaleessaa jira. Kun ammoo finxaalessitootaaf gufuu biyya jabduu ijaarruuf utubaa guddaadha.

Sabdaneessummaan eenyummaa keenya isa dhugaa heddumminniifi walqixxummaan keessatti mirkanaa’u waan ta’eef akka agartuu ija keenyaatti tikfanna.

Dallaan jibbinsaa diignee riqichi jaalalaa ijaarrus gaaddisa sabdaneessummaafi walqixxummaa jalatti ta’uu hunduu hubachuu qaba.

Kun ammoo harka tokkoon abidda qabatanii harka biraatiin araaraaf qophaa’uun osoo hin taane shira lagatanii qajeelummaan nagaaf of qopheessuun milkaa’a.

Kanaaf ammoo mootummaan harka araaraaf diriirse yoomiyyuu kan dachaasu akka hin taane irraa deebiin waamicha dhiyeessina.

Qaama Heera sagalee uummataan ragga’e irratti aggaammii taasisuufi nageenya uummataa booressu irratti mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu hubachiifna.

Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa irra deebi’uun baga guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa geessan jechaa harka tokkoon hojiilee misoomaa cimsuun karoora xiiqii qabanne milkeessuuf hojjechuun barbaachisaadha.

Harka biraatiin ammoo caasaalee nageenyaa waliin ta’uun nageenya keenya tikfachaa daandii badhaadhinaa eegalle irraa osoo boodatti hin deebi’iin milkaa’inaaf akka imallu waamichan dhiyeessa.

Egereen keenya aarsaa har’a kaffalluun milkaa’a. “Heddumminniifi walqixxummaan keenyas haala kanaan galma ga’ee tokkummaa biyyaalessaa waan cimsuuf hunduu gumaacha isarraa eegamu taasisuu qaba.

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa bara kanaa kun kan gammachuu, badhaadhinaafi waadaa keenya haaromsuun imala ijaarsa biyyaa itti fufsiifnu nuuf haa ta’u. Ayyaana gaarii!

Oromiyaa ni ijaarra,

Itoophiyaa ni utubna,

Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina;

Waaqayyos nu gargaara.

Shimallis Abdiisaa,

Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Sadaasa, 2016

Finfinnee

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.