Fana: At a Speed of Life!

Sabdaneessummaan keenya bifa keenya, tokkummaan keenyammoo waa’ee jiraachuu keenyaati-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)- Sabdaneessummaan keenya bifa keenya, tokkummaan keenyammoo waa’ee jiraachuu keenyaati jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin Qaammee 4 “Guyyaa Daneessummaa” ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, Itoophiyaan biyya saboota hedduu, afaanota hedduu, aadaawwan hedduu, amantaawwan hedduu, qaroominoota hedduu, gootota hedduuti jedhan.

Itoophiyaan daneettii ta’uu kan eeran Dooktar Abiy, “Hunduu nuyiin, unuuf kan kennaman keenyadha. Hundayyuu ni kabajna; hundaanuu ni boonna” jedhaniiru.

Sabdaneessummaan keenya bifa keenya, tokkummaan keenyammoo waa’ee jiraachuu keenyaa ta’uu kaasan.

“Kennaawwan danummaa kunneen biyya tookko, Itoophiyaatti kan argamanidha. Kaayyoon keenya hawaasa siyaasaafi dinagdee tokko ijaaruudha. Galmi keenya badhaadhina Itoophiyaati. Tokkummaan keenya kanadha” jedhaniiru.

Dooktar Abiy dabalataan akka jedhanitti “Daneessota faffacaane miti; Akaakuu walitti baqne tokkos miti. Nuti Itoophiyaanota tokkummaa sabdaneessa qabnudha.” jechuun ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.