Fana: At a Speed of Life!

Sabboonummaan Oromoo diinagdeen ibsamuu qaba – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC) – Sabboonummaan Oromoo diinagdeen ibsamuu akka qabu PireezidaantiIN Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Dhamaatifi dadhabii hedduu keessa darbuun qonnaan bultoota hiyyuummaan rakkoo dafqaan bira darban ta’uu agarsiisan galateeffatanuuru.

Obbo Shimallis Abdiisaan, namoota guyyaa har’aa Magaalaa Shaashamaneetti argamuun tiraaktara argataniin dhamaatifi dadhabii hedduu keessa dabartanii hiyyuummaan rakkoo dafqaan bira darbamu ta’uu agarsiisataniirtu jechuun jajaniiru.

Tiraaktaroonni guyyaa har’aa raabsamanis, hojiitti galuun isaanii oomishaafi oomishtummaan egeree keenyaa daran akka dabaru garagaara jedhaniiru.

Bara dhufu lafa hektaara miiliyoona 2.5rratti Qamadii jallisii misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana booda sabboonummaan Oromoo diinagdeedhaan malee hiyyummaa tiksuudhaan ta’uu hin qabu jedhan.

Namni kamuu, maalan hojjadha, kanan hojjadherraa maalan argadha, kanan argadherraa hagaman qusadha jedhee of gaafachuu akka qabu dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.