Fana: At a Speed of Life!

Sabboonummaan dinagdeen hindabaalamne hir’uudha-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)-Sabboonummaan dinagdeen hindabaalamne hir’uudha jechuun Pireezidaantii Ittaanaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin dubbatan.

Raawwiin Boordii Dhaabbilee Misoomaa Naannoo Oromiyaa bakka Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii argamanitti qoratameera.

Waltajjicharratti Obbo Awwaluun, mootummaan Naannichaa aantummaa uummataaf qabu qabatamaan agarsiisaa jira jedhan.

Rakkoolee hawaas-dinagdee, cabinsa sirna barnootaa karaa guutuu ta’een hiikuun dhaloota dorgomaa fi ofitti amanamummaa qabu horachuuf hojjechaa jiras jedhan.

Hirmaannaa uummataatiin manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 15 ol ijaaruun daa’imman miliyoona 1.8 ol barumsa idileen duraa akka argatan taasifamuu dubbataniiru.

Sabboonummaan dinagdeen hindabaalamne hir’uudha kan jedhan Obbo Awwaluun, sirna cimaa ijaaruun fayyadamummaa uummataa roga hundaan mirkaneessuuf xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Mootummaan dhaabbilee misoomaa gareen gurmeessuun hojiitti akka galanii fi dinagdee naannichaa akka utuban taasisuus eeraniiru.

Dhaabbileen hundi haala walfakkaataa ta’een bu’aa argamsiisaa akka hinjiraanne himuun bu’aa qabeessummaa dhaabbilee misoomaa dabaluuf hordoffii fi to’annoon boordii dhaabbilee misoomaa murteessaa ta’uus eeraniiru.

Kanaaf, boordiin dhaabbilee misoomaa karaa qindaa’ee fi idileen deeggarsa barbaachisu taasisuun kaayyoo dhaabbataniif akka milkeessan gahee isaanirraa eegamu akka bahanis hubachiisuu ragaan kominikesshinii Naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.