Fana: At a Speed of Life!

Sabboonummaa cichoomsuuf ogeeyyiin Kominikeeshinii gahee olaanaa qabaachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Leenjiin Paartiin Badhaadhinaa hoggansaa fi Ogeeyyii Kominikeeshinii Dhaabbilee Federaalaaf kennaa ture xumurameera.

Leenjichi mata duree ‘Seenessa sabboonummaa Guddina Itiyoophiyaaf’ jedhurratti kennamaa tureera.

Itiyoophiyaatti seenessi qeenxeen gatii hin malle kaffalchiisaa jiraachuu isaan sabboonummaan ummata keessatti akka gabbatu ogeeyyiin Kominikeeshiniin gahee isaanii bahuu qabu jedhame.

Badhaadhina hunda galeessaa mirkaneessuu fi adeemsa ijaarsa biyyaa eegalame Kominikeeshinii cimaan tumsuun barbaachisaa ta’uu Qindeessaan Gurmaa’insa Dhaabbilee Federaalaa Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsaniiru.

Biyyoonni seenessa sirnaan fayyadaman akkuma badhaadhaan kanneen seenessaan burjaaja’anii diigamanis jiraachuu Dooktar Alamuun himaniiru.

Mootummaan Hojmaata badaa fi hanna karaa saayinsaawaa ta’een ittisuuf hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

Ogeeyyii Kominikeeshinirraa hojii guddaan kan eegamu ta’uu hubachiisuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.