Fana: At a Speed of Life!

Sababa weerara vaayrasii koroonaan namoonni miiliyoonni 60 rakkoo hammaataf saaxilamu – Baankii addunyaa

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Sababa weerara vaayrasii koroonaan namoonni miiliyoonni 60 rakkoo hammaataf saaxilamuu akka danda’an Baankiin addunyaa akeekkachiise.
 
Preezdaantiin Baankii addunyaa Deeviid Maalpaas akka jedhanitti,weerarri vaayrasii koroonaa diinagdee biyyoota hedduu haalaan miidhaa jira jedhan.
 
Sababa kanaan namoonni hedduun hojii dhabdummaaf saaxilamaniiru.
 
Haalli kun lammiilee biyyoota guddinarra jiranii daraan miidhaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Bara kana guddinni diinagdee addunyaa %5 kan hir’isu ta’uu Preezdaantichi himaniiru.
 
Baankiin addunyaa biyyoota hiyyeeyyiif Doolaara biiliyoona 160 bifa deeggarsaa fi liqii dhala xiqqaan dhiyeessuu isaa Deeviid Maalpaas himaniiru.
 
Haa ta’uutii deeggarsii fi liqiin furmaata miti jedhan.
 
Akka ulaagaa Baankii addunyaatti galiin nama tokkoo guyyaatti Doolaara 1.90 gadi yoo ta’e hiyyummaa hammaata keessa jiraachuu ibsa jedhame.
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.