Fana: At a Speed of Life!

Sababa weerara garee shororkeessaa ABUT karoora misoomaa waggaa 10 rakkoon mudateera- Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Sababa weerara garee shororkeessaa ABUT karoora misoomaa waggaa 10 rakkoon mudateera jedhan Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan.

Gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraree turetti lubbuu namaa, bu’uuraalee misoomaa, dhaabbilee tajaajilaa dhuunfaa fi mootummaarratti miidhaa cimaa geessisuu kaasaniiru.

Miidhaa qaqqabsiisee fi dhiibbaa diinagdee fi hawaasummaa waraanichi uumeen karoora misoomaa waggaa 10 rakkoon mudachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa hojiin dursi kennamuuf dhaabbilee barbadaa’anii fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an  deebisanii dhaabuu ta’uu kaasaniiru.

Dhimmoonni dursi kennamuuf erga raawwatamanii booda karoorri misoomaa yeroo gabaabaa fi dheeraa biraa kan qophaa’an ta’uu Dooktar Fitsum himaniiru.

Dhiibbaa vaayrasii koroonaa fi waraanaa cinaatti guddinni diinagdee %6.3 galmaa’uu fi dameen qonnaa qooda olaanaa taphachuu addeessaniiru.

Damee dhuunfaa hirmaataa olaanaa diinagdee taasisuu fi invastimantiiwwan babal’isuuf hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.

Yeroo dhiyootti dandeettii invastimentii biyyattii adda baasuun diyaaspooraawwan filannoowwan invastimantii akka ilaalan ni taasifama jedhaniiru.

Hawaasni diyaaspooraas deeggarsa karaa garaagaraan taasisu dabalataan waamicha taasifameefiin  invastimantiiwwan garaagaraarratti hirmaachuuf gara biyyaa akka dhufan waamicha dhiyeessaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.