Fana: At a Speed of Life!

Sababa vaayirasii koroonaan cufamee kan ture Holqi Soofumar tuuristootaaf baname

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Sababa vaayirasii koroonaan cufamee kan ture Holqi Soofumar tuuristootaaf banameera.

 Sirna kanarratti Hoogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deessisaa qabeenya qabaachuun qoftiin gahaa miti, qabeenya qabnu misoomsinee beeksisuun uummata keenya fayyadamaa taasisuu qabna jedhan.

 Dhalattoonni naannoos iddoo hawwata tuurizimii kana misoomsuu akka qaban dhaaman.

 Bulchaan Godina Baalee Bahaa obbo Aadam Qaasim gama isaaniin biyya yeroo bishaan gaafatan aannan namaa kennu kottaa daawwadha qabeenya hedduu qabna jedhan.

 Akka biyyaatti oomisha qamadiin qonnaan bulaan adda dureen godina kana keesaa bahes jedhan.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.