Fana: At a Speed of Life!

Sababa misooma kooriidariin manneen kaafaman deebisanii ijaaruuf dhagaan bu’uuraa ka’ame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)- Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen sababa misooma kooriidarii gaggeeffamaa jiruun manneen kaafaamaan bakka buusuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Aadde Adaanechiin dabalatee Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaa Abuna Maatiyaas argamaniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin , Manni amantaattii hojiilee misoomaa magaalattitti gaggeeffamaa jiran sadarkaa olaanaan deeggaruu fi hojiilee misooma kooriidarii eegaluuf, adeemsaa kaasuu fi deebisanii ijaaruu akkasumas gamoowwan haaromsuurratti hirmaachuu fi deebii qabatamaa kenniteef galateeffataniru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.