Fana: At a Speed of Life!

Sababa hoo’a olaanaan balaa ibiddaa bosona qabateen lubbuun namoota 40 olii darbuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)-Sababa hoo’a olaanaan balaa ibiddaa bosona mudateen lubbuun namoota 40 olii darbuun ibsame.

Balaan ibidaa bosona Aljeeriyaa, Xaaliyaani fi Giriikitti mudate kun gandootaa fi bakkeewwan bashannanaa irratti babal’achaa dhufuu isaan lubbuun namootaa darbuun ibsameera.

Kana malees, jiraattoonni kumaatamatti lakkaa’aman qe’ee isaanii lakkisaanii akka bahan taasifamuu BBC’n gabaaseera.

Balaan ibiddaa bosona qabate kun Naannawaa Galaanaa Meeditiraaniyaatti ho’aa olaanaa mudateerraan irraa kan ka’e ta’uu ogeeyyiin raaga haala qilleensaa eeraniiru.

Hanga ammatti Aljeeriyaatti lakkoosfi namoota lubbuun darbanii olaanaan kan galma’e yoo ta’u, loltota 10 jirattoota baraaruuf hojjechaa turan dabalatee namoonni 34 du’uun gabaafameera.

Qorattoonni Gamtaa Awurooppaa hoo’i olaanaan baatii kana keessa Awurooppaa Kibbaa, Kaabaa Ameerikaa fi Chaayinaa jiru sababa jijjirama qabeenya qilleensaa nam tolcheetiin akka ta’e eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.