Fana: At a Speed of Life!

Sababa galteen adda citee kan ture lakkoofsi gabatee konkolaattootaa borurraa jalqabee ni laatama

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Sababa galteen adda citee kan ture lakkoofsi gabatee konkolaattootaa Koodii -2 borurraa jalqabee kan laatamu ta’uu Abbaan Taayitaa eeyyama konkolaachiiftootaa fi to’annoo magaalichaa beeksiseera.
Haaluma kanaan hanqinni ture furamuu isaan Konkolaattoonni koodii-2 tajaajila lakkoofsa gabatee barbaadaan guyyaa boruu eegaleenii argachuu kan danda’an ta’uu Abbaan Taayitichaa ibseera.
Namoonni lakkoofsa gabatee Koodii- 2 barbaadan ragaalee guuttachuu qaban guutuun dameewwan kutaa magaalichaa 11 nittuu teessoo mana jireenyaa isaanii qofaan keessummaa’uu kan danda’an ta’uu ragaan Abbaa taayitichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.