Fana: At a Speed of Life!

Sabaastiyaan Koon Koongiransii Atleetiksii Addunyaa irra deebiin akka dursan filataman

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC) – Lammiin Ingiliiz Sabaastiyaan Koon Koongiransii Atleetiksii Addunyaa irra deebiin akka dursan filatamaniiru.

Yaa’iin Koongiransii Atleetiksii Addunyaa 54ffaan Hangaarii Magaalaa Buuddaapeesitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichaan Sabaastiyaan Koon waggoottaan arfan itti aananiif Atleetiksii addunyaa akka dursan biyyoota miseensa Atleetiksii addunyaa keessaa biyyoonni 193 sagalee laataniifiru jedhame.

Pireezidaantiin Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Gargaartuun Komishinaraa Atleet Daraartuu Tulluu dabalatee Itti Aanaa Dursaa Pireezidaantii Federeeshinichaa Atleet Gazzahaanyi Abarraa fi Itti gaafatamaan Waajjira Federeeshinichaa Obbo Yohaannis Ingidaanii Ityoophiyaa bakka bu’uun yaa’icharratti argamuu ragaan Federeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.