Fana: At a Speed of Life!

Sabaaba weerara vaayrasii koroonaan filannoon dheerachuun deeggaramu akka qabu paartileen morkattoota Gaambeellaa ibsan

Finfinnee, Eebila 29, 2012 (FBC)-Sabaaba weerara vaayrasii koroonaan filannoon dheerachuun deeggaramu akka qabu paartileen morkattoota Gaambeellaa ibsan.

Paartii badhaadhina dabalatee paartiileen morkattoota siyyaasaa 4 dhimmoota weerara vaayrasii koroonaa fi filannoorratti magaalaa Gaambeellaatti mari’ataniiru.

Hooggantoonni paartiilee siyyaasaa boordiin filannoo sabaaba weerara vaayrasii koroonaan filannoo gaggeessuuf rakkoo muudatee ka’uumsa godhachuun filannichi dheerachuu akka deeggaran ibsaniiru.

Hooggantoota paartiilee kanneen keessaa dura ta’aan sosochii bilisuummaa uumataa Gaambeella obbo Piitaar Amaan akka himaniitti, biyyattitti weerara vaayrasi koroonaa muul’ateen yeroon filannoo dheerachuuf filannoowwan dhiyaatan deeggaramu qabu jedhan.

Yeroon ammaas dhimma filannoo osoo hin taanee waltumsaan hawaasa fi biyyaa fayyisuudha kan jedhaan obbo Piitaar, mootummaa waliin ta’uun hojii vaayrasichaa ittisuurratti qooda isaanii ba’uuf qophii ta’uu himaniiru.

Filannoon dura hojiin uummata fi biyyaa fayyisuu dursu akka qabu kan duubbatan hooggansi sosochii bilisuumma uumataa Gaambeella obbo Tazarraa Haayilaamariyaamidha.

Ta’uus yaanni filannoon dheeratu jedhu fudhatama qabachuu ibsaniiru.

Waajjirri paartii Izeemaa damee Gaambeellaatti itti gaafatamaan qunnamti hawaasa obbo Uuchaan Uguuto, yeroo amma kan waa’ee siyyaasaa osoo hin taanee dursuu kan qabu uummata vaayrasii koroonnaa olchuudha jedhan.

Yaa ta’u malee murtoon filannoo dheerachuu qaba jedhuu paartiin isaanii akka deeggaruu ibsaniiru.

Yeroo ammas filaniichi akka dheeratuu taasisuun quubsaa ta’us baatiwwaan 6 ol darbuu hin qabu yaada jedhu kan kaasaan ammoo dura ta’an sosochii deemokiraasii haqaa nagaa fi misoomaa uummata Gaambeellaa obbo Saayimaan Tuutidha.

Hoji raawwachiisan paartii badhaadhinaa obbo Umood Ujuluu, yeroo amma mootummaan filaannoo akka dheeratuu taasisuun jallaatee osoo hin taanee fayyaa hawaasa fi nageenya biyyaaf dhiimma dursuu qabudha jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.