Fana: At a Speed of Life!

Saayintistoonni Hawaa Guyyoota 8tti deebi’uuf turan baatii 8 turuu akka danda’an dhaga’ame

Finfinnee, Hagayya 2, 2016 (FBC)- Saayintistoonni Qorannoo Hawaa guyyoota 8’f gara Hawaatti imalanii turan rakkoo mudateen hanga baatii 8’tti turuu akka danda’an gabaafame.

Baatii lamaan duraSaayintistoonni Qorannoo Hawaa lammiilee Ameerikaa ergama yaaliif gara Buufataa Qorannoo Hawaa Idil Addunyaatti wayita ergaman guyyoota muraasa keessatti akka deebi’an eeramee turuun ni yaadatama.

Saayintistoonni kunneen Xiyyaar Samii Booyiingi Istaarlaayiner namoota qabachuun idileen faayidaarraa ooluun dura akkamiin akka hojjetu adda baasuuf yaalii karoorfame akka tures eerameera.
Rakkoo teeknikaa hineegamne mudachuurraanis achuma Hawaa akka turan eerameera.

Gara lafaatti deebi’uuf nageenyummaan geejjiba ittiin deebi’anii kan eegame yoo hintaane filmaata geejjiba biraa akka barbaachisu ibsameera.

Hanga ammaatti dhimmicharratti aanga’oonni ‘NASA’ murteerra kan hingeenye ta’uu fi filmaatawwan biroon jiraachuu mirkaneessuuf karoora barbaachisaa qopheessuu dubbachuu BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.