Fana: At a Speed of Life!

Saayinsii Umamaan Barattuu qabxii olaanaa 575 galmeessite: Sifeenee Takiluu

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Barattuu Sifeenee Takiluun Magaalaa Finfinneerraa qormaata abiyyaalessaa kutaa 12ffaa 2016 Saayinsii Umamaan 600 keessaa qabxii olaanaa 575 galmeessiteetti.

Siifeeneen barattuu mana barumsaa Kaatolikii Ogziliyeem yoo taatu akka Magaalaa Finfinneetti qabxii 600 keessa 575 galmeessisuun barattuu qabxii olaanaa galmeessiste taateetti.

Sifeeneen akka ibsiteetti yeroo ofii barnootaaf oolchuu, gareen qo’achuu fi deeggarsi maatii ishee fi barsiisotaa milkaa’ina kanarra gaheeraanii.

Karoorrishee 600 keessaa, qabxii 550 fiduu akka ture kan kaaste Siifan, qabxii 575 fiduu isheen hedduu akka gammadde dubbatte.

Maatii isheef mucaa 2ffaa kan taate Sifeeneen, Ogeettii Sirna Nyaataa ta’uu akka feetu himuu ishee AMN gabaaseera.

Akka ibsa Ministeera Barnootaatti naannoo Tigraayitti qabxii 700 keessaa 675 qabxii olaanaa ta’ee galmaa’eera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.