Saawdiin Awrooppaa dabalatee biyyoota 50 irratti qoqqobbii imalaa keesse
Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Saawdii Arabiyaan tamsa’ina vaayrasii koroonaan walqabatee Awrooppaa dabalatee biyyoota 50 irratti qoqqobbii imalaa kaa’uu beeksifte.
Uggurri imalaa kun kan kaa’ame Saawdii Arabiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii baayyachaa dhufuun walqabatee ta’uutu ibsame.
Bu’uuruma kanaan Awrooppaa dabalatee biyyootni 50 ta’an irratti gara biyyichaatti akkasumas balalliin biyyaa biyyatti taasifamu kamuu yeroof ittifameera.
Biyyoota Afrikaa keessaa Ityoophiyaa dabalatee Jibuutii, Soomaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaanirratti uggurri imalaa ka’ameera.
Uggurri imalaa kun biyyoota Awrooppaa 28 fi Eeshiyaa 6 irrattis kaa’ameera.
Ministeerri Fayyaa Saawdii Arabiyaa namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 45 ga’uu beeksiseera.
Maddi:- www.arabnews.jp/en