Fana: At a Speed of Life!

Saa’uud Arabiyaan Fanjiiwwan garee Finciltoota Hawutii 733 fashaleessuu beeksiifte

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC) – Saa’uud Arabiyaan jalqaba baatii kanaa keessa Fanjiiwwan garee Finciltoota Hawutiin awwallaman 733 fashaleessuu beeksiifte.

Fanjiiwwan kunneen Daa’immaan, Dubartootaa fi maanguddoota Yeemanitti argaman dabalatee sodaa nageenyaa olaanaa lammiilee nagaa ta’anii turuu ibsameera.

Hojiin fashaaleessaa kun iddoolee gareewwan Finciltootaa Hawutii keessa socho’an Maariib, Adan, Juuf, Shaabwaa, Taayiz, Hoodaydaahi, Laahiijii, Sana’aa, Al Baydaa, Al Daallee fi Sa’aadaa jedhamanitti gaggeeffamuu ibsameera.

Bara Faranjootaa 2018 eegalee hanga ammaatti Fanjiiwwan kumni 424 fi 147 fashaleessuun danda’amuu Arab News gabaaseera.

Saa’uud Arabiyaan hojii kanaaf Doolaara miiliyoona 33.3 baasii taasiisuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.