Fana: At a Speed of Life!

Saa’ud Arabiyaa fi Emireetoonni Araba Gamtoomanii deeggarsa diinagdee Sudaaniif laachuuf waadaa galan dhaaban

Finfinnee Bitootessa 2,2012  (FBC) – Saa’ud Arabiyaa fi Emmireetoonni Araba Gamtoomanii deeggarsa diinagdee Sudaaniif laachuuf waadaa galan dhaabuu beeksisan.

Saa’ud Arabiyaa fi Emmireetoonni Araba Gamtoomanii Sudaaniif  Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 3 deeggaruuf beeksisanii turan.

Hanga ammaatti gargaarsi Riyaad fi Abuu Dhaabiirra argame Doolaara biiliyoona tokkoo ol ta’uu aanga’oonni Sudaan beeksisaniiru.

Biyyoonni kunneen dabalataan  Baankii Biyyaaleessa Sudaan  dandamachisuuf Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 5 fi deeggarsa qamadii, sanyiilee fi boba’aa Doolaara miiliyoona dhibba 5 baasu gara Sudaanitti erguu isaanii himameera.

Ammaan booda biyyoonni kunneen gargaarsa Sudaaniif taasisuuf waadaa galan dhaabuu isaanii aanga’oonni biyyattii ibsa laataniin  beeksisaniru.

Ministeerri maallaqaa biyyattii Saa’ud Arabiyaa fi Emmireetoota Araba Gamtoomanii waliin walii galtee gargaarsaa hanga bara Faranjootaa 2020tti turu mallateessanii akka turan dubbataniru.

Akka aanga’oonni biyyattii jedhanitti, biyyoonni lameen gargaarsicha dhaabuuf kan dirqaman gaaffii Ameerikaan ta’uu akka hin oolle himaniru.

Maddi:-Sudan Tribune

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.