Fana: At a Speed of Life!

Saatilaayitoonni Itiyoophiyaan gara hawaatti ergite ergama isaanii milkaa’inaan xumuruun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC)- Saatilaayitoonni Itiyoophiyaan gara hawaatti ergite ergama isaanii milkaa’inaan xumuruu Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’oospaashaalii Itiyoophiyaa ibse.

Itiyoophiyaan saatilaayitii sadaffaa ETRSS-02 jedhamtu waggoota lama keessatti gara hawaatti erguufis qophii taasisaa jiraachuu inistitiyuutichi beeksiseera.

Daayrektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Abdiisaa Yilman, saatilaayitii 3ffaa furguggisuuf qorannoon bu’aa qabeessummaa diinagdee fi faayinaansii mootummaa gaggeeffamuu ibsaniiru.

Qorannichi kanaan dura saatilaayitoota gara hawaatti ergamanirraa muuxannoo fudhachuun ragaa saatilaayitii ittaanuu fayyadamuu bira darbee ergama jiran ifatti kaa’amuu akeekaniiru.

Caalbaasiin saatilaayitii kunis sirna bittaa elektirooniksii mootummaa keessaa akka galuu taasifamuu fi baatiiwwan dhufan caalbaasiin idil addunyaa akka ba’u dubbataniiru.

Bara 2012 yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaan saatilaayitii ETRSS-01 Chaayinaarraa furguggisuun ishee ni yaadatama.

Haaluma walfakkaatuun bara 2013 ammoo saatilaayitii 2ffaa ET-Smart-RSS jedhamtu gara hawaatti furguggisteetti.

Saatilaayitoonni furguggifaman kunneen waggaa lamaa hanga sadii hawaarraa akka turan kan eeramee yoo ta’u, yeroo qabameef keessattis ergamaa isaanii milkaa’inaan xumuruu ibsaniiru.

Saatilaayitiin ETRSS-01 yeroo qabameef caalaa dabalataan baatiiwwan sagal tajaajila kennuu ibsuu TOI gabaaseera.

Fuuldurattis hojiin saatilaayitoota kanneen dhabamsiisuu dhaabbilee tumsitootaa waliin ta’uu kan raawwatamu ta’uu akeekaniiru.

Ragaaleen saatilaayitootaa kanneenirraa argaman galtee qonnaaf, tuuriizimii, bulchiinsa lafaa, qabeenya umamaa, hir’isa soda balaa fi hojiilee biroof oolfamuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.