Saatalaayitii odeeffannoo lafaa 3ffaa furgugsuuf waliigalteen taasiifame
Finfinnee, Sadaasa 17, 2017 (FBC) –Inistiityuutiin Saayinsii Hawwaa fi Ji’oo Ispaashaalii Itiyoophiyaa Wiirtuu Injinariingii Shaangaay waliin Saatalaayitii odeeffannoo lafaa 3ffaa furgugsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Akkaataa karoora Saatalaayitii 3ffaa furgugsuuf karoorfameen caalbaasii ifaa idil addunyaa hordofuun sirni bittaa xumuramuun dhaabbata injifate waliin sanadni waliigaltee mallattaa’uu ibsameera.
Waliigaltichaan hojiin misoomsuu baatii 18 kan gaggeeffamu ta’uu Daayrektarri Olaanaan Inistiityuutii Saayinsii Hawwaa fi Ji’oo ispaashaalii Itiyoophiyaa Obbo Abdiisaa Yilmaan dubbataniiru.
Inistiityuutichi bara kana Giraawundii buufataalee odeeffannoo Saatalaayitii fudhatan 12 ijaaruun gara hojiitti galaa jiraachuu eeraniiru.
Saatalaayiitii odeeffannoo lafaa 3ffaa furgusuuf qophiin barbaachisu xumuramuu himaniiru.
Sintaayyoohu Abbabaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia