Fana: At a Speed of Life!

Saafaariikoom fi Koorporeeshiniin Paarkiiwwanii invastimantii Doolaara miiliyoona 60 mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC)- Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa fi Saafaariikom Ityoophiyaan, Paarkii Teeknooloojii fi Quunnaamtii Odeeffannoo keessatti hojii invastimantii Doolaara miiliyoona 60 jalqabuuf waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltechas Hoji Gaggeessaa Koorpireeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa Obbo Sandookaan Dabbabaa fi Hoji Gaggeessaa Saafaariikoom Ityoophiyaa Anuwaar Suusaa mallatteessaniiru.

Obbo Sandookaan sirnicharratti akka jedhanitti, waliigalteen Saafaariikoom Ityoophiyaa waliin mallatteeffame karoora tarsiimawaa Dijitaal-Ityoophiyaa dhugoomsuuf tarkaanfii olaanaa ta’uu himaniiru.

Invastimantiin kun akka dhugoomuuf koorporeshinichi deeggarsa barbaachisaa Saafaariikoomiif akka taasisu ibsaniiru.

Hoji Gaggeessan Saafaariikoom Ityoopphiyaa Anuwaar Suusaa gama isaaniin, deeggarsa mootummaa fi Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastiriin taasifameef galateeffatanii, hojiin dhaabbatichi Paarkii Teeknoolojii fi Quunnamtii Odeeffannoo keessatti eegale, karoora invastimantii Ityoophiyaa keessatti hojjechuuf qabu keessaa tokko akka ta’e ibsaniiru.

Dabalataanis, koorporeeshinichaa waliiin hojjechuun Saafaariikoom Ityoophiyaan damee teelekoominikeeshinii ammayyeessuuf, hojii invastimantii gaggeessuutti dabalataan kanneen biroo deeggaruun, ce’umsa teeknoolojii fi beekumsa irratti hojjechuu fi hariiroowwan eegalaman cimsuuf kutannoo qabaachuu dubbaachuu isaanii ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Bu’uura waliigaltee mallatteessaniin Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii fi Saafaariikoom Ityoophiyaan giddugala daataa Paarkii Teeknooloojii fi Quunnamtii Odeeffannoo keessaa fayyadamuun tajaajilaa teelekoomii 2G hanga 5G kennuu, kan ture ammo ammayyeessuu, nageenya saayibariirratti waloon hojjechuu, paarkiiwwan biroottis hojii invastimantii eegaluu, hojii leenjii fi gorsaa waloon hojjechuu fi hojiilee biroo damechaarratti waliin hojjechuuf akka ta’e eerameera.

Pirojektichi guutummaatti wayita hojii eegalu lammiilee 56 oliif carraa hojii kan uumu yoo ta’u, guddina Teelekominikeeshinii Ityoophiyaaf gumacha akka qabaatu eegama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.