Fana: At a Speed of Life!

Saafaarii Koom Baatii Eebilaa jalqabee Koodii +2517 tajaajila laachuu ni eegala

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Saafaarii Koom Ityoophiyaan Baatii Eebilaa jalqabee Koodii +2517 tajaajila laachuu ni eegala jedhame.
Dhaabbatichi waggoota kurnan dhufan keessa namoota miiliyoona 1.5f carraa hojii kan uumu ta’uu ibsameera.
Saafaarii Koom Ityoophiyaatti damee Teeleekoomii Ityoophiyaanoota madaalu Neetwarkii ammayyaa kan diriirsu ta’uu Itti gaafatamaan dhimmoota Hariiroo Alaa dhaabbatichaa Maatiiw Hariisan ibsaniiru.
Finfinnee fi Adaamaatti Doolaara miiliyoona dhibbaan giddu gala Daataa ijaaruus eeraniiru.
Bara kana dabalataan magaaloota lamaan keessatti giddu gala Daataa lama kan kan ijaaru ta’uu Itti Gaafatamaa olaanaan Kutaa Teeknooloojii Safaarii Koom Peedroon Raavaakaal ibsaniiru.
Waggoota kurnan itti aanaan baasii Doolaara Biiliyoona 8.5 fayyadamummaa damichaa fooyyeessuuf karoorfachuu kaasaniiru.
Baatii eebilaa 2014 eegalee Koodii +2517 tajajila laachuu kan eegalu ta’uu ibsaniiru.
Meeroon Mulgeetaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.