Fana: At a Speed of Life!

Sa’aatii 24 keessatti Doolaarri miiliyoona 81 Kaamaalaa Haariisiif arjoomame

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Erga Pireezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan dorgommii filannoo keessaa bahu beeksiisanii as, duula filannoo pireezidaantummaa Pirezidaantii Ittaantuu Kamalaa Haarisiif Dimookiraatonni Doolaara miiliyoona 81 arjoomaniiru.

Kunis seenaa pireezidaantummaa keessatti sa’aatii 24 hincaalleetti keessaatti maallaqa duula filannoof oolu isa olaanaa ta’uun ibssmeera.

Guyyaa Baayidan filannoo keessaa bahuun beeksisaniin booda arjoomtonni kuma 888 ol doolaara 200 gadi gumaacha taasisanii ture.

Paartiin Dimokiraatotaa duula filannoo pireezidaantummaa Kaamaalaa Haaris sa’aatii shanan jalqabaa keessatti Doolaara miiliyoona 27.5 ol walitti qabeera.

Sa’aatii 24 keessatti ammoo waliigalaan maallaqni tumsaa argamee rikoordii maallaqa duula pireezidaantiif walitti qabamu haaraa ta’eera.

Arjoomni maallaqni haaraan kunis Paartii Dimookiraatiif jijjiirama olaanaa kan agarsiisu yoo ta’u, Joo Baayidan ji’a Waxabajjii keessa falmii Doonaald Tiraamp waliin taasisan irratti ga’umsa gaarii waan hin agarsiisneef deeggarsi arjoomtoota guguddoo akka hir’atu taasisee turuu BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.