Sa’aad Hararii irra deebiin Muummee Ministiraa Libaanoos ta’uun muudaman
Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) –Waggaa tokko dura aangoo kan gadi dhiisaan Sa’aad Harariin irra deebiin Muummee Ministiraa Libaanoos ta’uun muudaman.
Harariin sagalee Paarlaamaa irraa argataniin Musxafaa Adiib bakka bu’uun Muummee Ministiraa ta’uun muudamaniiru.
Libaanoos walitti bu’iinsa waliin waliinii ishee muudate furuuf tattaaffirra jiraachuu himameera.
Irra deebiin gara aangootti kan dhufan Harariin qormaata cimaatu isaan eeggata jedhame.
Hoogganaan Sunnii Sa’aad Harariin waggaa har’aa mormii ummataa isaan muudateen aangoo gadi dhiisuun isaanii kan yaadatamuudha.
Maddi:-Aljaziiraa
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.